Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Yuunivarsiitii Haramaayaatti gaggeeffaamaa jira

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Qopheessummaa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Abbaa Taayitaa Bittaa Qabeenyaa Mootummaan Waltajjiin marii Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Yuunivarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jira.

Adeemsi Bittaa Qabeenyaa dhimma xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uu ibsameera.

Dhaabbileen Barnootaa Olaanoon adeemsa bittaa qabeenyaa qo’annoo fi qorannoon utubuu akka qaban Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bittaa Qabeenyaa Federaalaa obbo Ibsaa Haajii eeraniiru.

Waltajjiin akkanaa Dhaabbilee Barnootaa olaanoo keessatti haala kanaan qophaa’uun isaa Dhaabbileen barnootaa olaanoon haala bittaa qabeenyaa gaggeessan akka gamaaggaman kan taasisu ta’uu Itti aanaan Pireezidaantii fi Dhimma Barattootaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Piroofeseer Jeeylan Waliyiiti himaniiru.

Waltajjiin marii kun marsaa 4 ffaaf kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.