Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii hariiroo ummata Somaalee fi Afaar cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffama jira

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii hariiroo ummata Somaalee fi Afaar cimsuurratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti gaggeeffama jira.

Waltajjicharratti naannolee lameenirra walitti kan baba’an jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hoggantoonni hojii mootummaa fi namoonni beekamoon argamaniiru.

Waltajjii mata duree “Tokkummaa biyyaalessaa cimsuun, rakkoolee keessoo keenyaa mariin ni furanna.” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Marichi hariiroo ummata Somaalee fi Afaar cimsuu fi walitti bu’iinsa naannichatti darbee darbee mul’atu furuuf akka ta’e ibsameera.

Waltajjicha Ministeera Nageenyaa, jaarsolii biyyaa Ityoophiyaa, Jastiis Foor Ool Priizin Feeloowshiip Ityoophiyaatu qindoominaan qopheesse.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.