Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii nageenyaa dargaggoota Sabbataa fi Burraayyuu waliin taa’ame.

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii nageenyaa dargaggoota Sabbataa fi Burraayyuu waliin taa’ame.
 
Waajjirri Kantiibaa Finfinnee, kutaa bulchiinsa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo waliin qindaa’uun dargaggoota waliin mari’ateera.
 
Ajjeechaa Artiist Hacaaluu Hundeessaan booda rakkoo tasgabbii mudate, bifa sabdaneessummaa hammateen hiikuun ni barbaachisa jedhameera.
 
Nagaa fi tasgabbii eeguuf dargaggoonni hoggansa cinaa dhaabbachuu qabuunis waamichi dhiyaatera.
 
Waltajjicharratti itti aanaan hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Finfinnee fi waamamaan damee siyaasaa obbo Maashoo Olaanaa, kantiibaan magaalaa Sabbataa obbo Biraanuu Baqqalaa fi kantiibaan magaalaa Burraayyuu obbo Salamoon Fayyeen argamaniiru.
 
Hoggansi kanneen odeeffannoo dogoggoraatin walitti bu’iinsi amantaa fi sabummaa mudachuu akka hin qabne waltajjicharratti dhaamaniiru.
 
Waltajjichaan booda sagantaan dhaabbii biqiltuu raawwatameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.