Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii paartiilee siyaasaa marsaa 3ffaan gaggeeffamufi

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Waltajjiin marii paartiilee siyaasaa marsaa 3ffaan guyyoota muraasa keessaatti akka gaggeeffamuu Maayind Ityoophiyaan beeksiseera.

Maayind Ityoophiyaan marii biyyaalessaa hammatee mijeessuu kan kayyeeffatee yoo ta’u, tumsa dhaabbilee biyya keessaa saddeetin kan hundeeffameedha.

Hanga ammattis marii  biyyaalessaaf sanada yaada qopheessuu, karooraa imaammataa, gurmaa’insa dhaabbilee, danbii naamusaa akkasumaas hojiiwwan sanada kominikeeshinii akka hojjetuu ibsameera.

Maayind Ityoophiyaan ibsa laateen yeroo itti aanuutti marii bayyaalessaa hunda haammatee qopheessuuf qophii taasisaa kan jiru ta’u, dhiyeenyatti waltajjii lammiilee kutaa hawaasaa garagaraa waliitti babba’aan kuma 1 kan hirmaachisuu  akka qopheessuu ibsameera.

Fireeywat Saffiitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.