Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin mata duree “Ityoophiyaa Baraaruuf nan duula! Eessattuu, yoomiyyuu, waan hundaan” jedhuun gaggeeffamaa jira

 

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )- “Ityoophiyaa Baraaruuf nan duula! Eessattuu, yoomiyyuu, waan hundaan” mata duree jedhuun Waariin aartii Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa, Giddu gala Aadaa Oromoofi Waldaa Artiistota Oromootiin qophaa’ee gaggeeffama jira.

Saganticharratti Biiroon Aadaafi Tuuriizmii Oromiyaa, giddugala aadaa Oromoo fi waldaan artiistoota Oromoo waliin qopheessan yoo tahu, sosochii deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf gaggeeffamu kuni naannoon Oromiyaa qopheessuun kan jalqabaati.

Sagantaan kun Raayyaa Ittisa Biyyaa walabummaa biyyaaf aarsaa kafalaa jiru cinaa hojii aartiin dhaabbachuu fi miira gamtoomaa agarsiisuu fi humnaa i qabeenya qabaniinis raayyaa ittis Biyyaa waliin dhaabbachuu isaanii agarsiisuuf qophaa’e.

Saganticharratti keessummoonni kabajaa, qondaaltonni mootummaa fi artiistonni gosa aartii garagaraa irratti bobba’an hirmaataniiru.

Zemadkuun Misgaanawtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.