Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin sosochii dandeettii Intarpiraayizootaa fi Oomishtummaa Misooma Indaastirii cimsuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Waltajjiin sosochii dandeettii Intarpiraayizootaa fi Oomishtummaa Misooma Indaastirii cimsuu mata duree ‘Ityoophiyaan haa oomishtu’ jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen waltajjicha eegalchiisaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa harki caalu umrii oomishtummaarratti waan argamanuuf tokkummaan hojjennee Badhaadhina biyyattii yeroo gabaabaa keessatti mirkanneessuu qabna jedhan Aadde Adaanach.
Imaammata fooyya’iinsa jireenyaa fi magaalaatti carraa hojii guddisuuf dandeessisu qopheessuun gara hojiitti galleerra jedhan.
Karoora magaalaan Finfinnee qabatte keessa sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtu jedhu isa tokko ta’uu Itti aanaan Kaantibaa Magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.
Lakkoofsa Indaastirii Oomishtootaa yeroo ammaa kuma 10 fi 500 irra jiru gara kuma 22tti ol guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.