Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin sosochii konistiraakshiniin mata duree ‘ijaarsi biyyaaf wabiidha’ jedhun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC)- Abbaa Taaytaa konistiraakshinii Ityophiyaa waltajjiin sochiin konistiraakshinii mata duree ‘ijaarsi biyyaaf wabiidha’ jedhun qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira.

Itti aanaan Abbaa Taaytichaa Obbo Mahaatabe Addis, biyya keenya keessatti ijaarsi bu’uraalee misoomaas ta’ee kanneen biroos jal-qabamuu malee xumursiisu irratti rakkoon guddaan akka jiru eeraniiru.

Madda rakkolee kanaa adda baasuun irratti hojjechaa akka jira ibsaniiru.

Marii kana irratti qooda fudhattoonni Naannoo Somaalee fi Naannoo Hararii irra walitti babba’aan kan hirmaatan ta’uu preezdaantoonni Yuunvarsiitiwwan Dirree Dawaa fi Jigjigaas argamaniiru.

Itti Aanaan kantiibaa fi Itti gaafatamaa Biiroo Daldalaa fi Indaastrii Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa Obbo Haarbii Buuhu magaalichi, guddina konistiraakshiini keessatti qooda guddaa bahaachaa akka jiru kaasun, warshaa simintoo akka biyyaatti qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggatee konistiraakshiini biyyatti keessaatis gahee olaanaa bahaachuu qaba jechun dhaamaniiru.

Kadir Shamshaditu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.