Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin to’annoo meeshalee waraanaa xixiqqaa fi salphaa biyyaalessaa 2ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Waltajjiin to’annoo meeshalee waraanaa xixiqqaa fi salphaa biyyaalessaa 2ffaan Magalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministeeraa Raayyaa Ittisaa Biyyaa, Ministeera Nageenyaa, Koomishinii Gumurukaa fi Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Komishinarootaa Poolisii Federalaa fi naannolee, hoggantoota Biiroo Nageenyaa Naannolee fi Magaalotaa akkasumas qaamolee dhimmichi ilaallatu biyya keessaa fi idil addunyaa biroon hirmaataniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel, waltajjicharratti Ityoophiyaan, Waliigaltee sirna bulchiinsaa fi to’annoo meeshaalee waranaa adda durummaan bara 1996 Naayiroobiitti mallateeffame mallatteessiteetti jedhan.

Itti fufuun bara 2012 labsii to’annoo fi bulchiinsa meeshaalee waraanaa baasuu fi poolisiin federaalaas aangoo kennameef hojiirraa oolchuuf qajeelfamaa hojiirraa oolmaa labsichaa baasuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjiin qophaa’e kunis hojiirra oolmaa labsii fi qajeelfamoota ba’aniif gumaacha qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.