Fana: At a Speed of Life!

Walwaaloo Aaddagiraat leenjisaa isaa gaggeessuuf murteesse

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Hoggansi Boordii Walwaaloo Aaddagiraat Yuunvarsiitii leenjisaa olaanaa garichaa Yohaannis Saahilee gaggeessuuf murteesse.

Hoggansichi marii guyyaa har’aa taasiseen leenjisaa olaanaan garichaa Yohaannis Saahileen akka gaggeeffaman murteesseera.

Sababa kanaan Abrahaam Ta’aare fi Koomaandar Kidaanee Haabteeen garicha akka dursaniif filatamuu isaanii ibsameera.

Yohaannis Saahileen sababa addabbiin taphoota lamaan darban garich hin tajajjille ture.

Walwaaloo Aaddagiraat waggaa darbe leenjisaa Tsaggaay Kidaanamaariyaam waliigateen gaggeessuun isaa kan yaadatamuudha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.