Fana: At a Speed of Life!

Waraanni MM Abiy Ahimadiin  durfamu injifannoon guyyaa kaleessaa galmeesse garee shororkeessichaa bittinneessa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Waraanni Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin  durfamu injifannoon guyyaa kaleessaa galmeesse garee shororkeessaa ABUT bittinni’aa  jiraachuu ibsameera.

Waajjirri Muummee Ministira akka beeksiseetti, torbee dura hoggantoonni olaanoo waraanaa garichaa 12 barbadeeffamaniiru.

Hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT lakkoofsaan heddummaataniis waamicha harka laadhaa fudhachuun harka isaanii laachaa jiraachuu ibsameera.

Duula gaggeeffameen magaaloonni gurguddoon harka diinaa turan Dassee, Kombolchaa fi Baatii dabalatee naannoowwan biroon harka raayyaa ittisaa jala jiraachuun Muummeen Ministira Abiy Ahimad kaleessaa ibsuun isaanii ni yaadatama.

Dabalatanis Shawaa, godina adda Kamisee fi naannoon Affaar guutuumma guutuutti akkasumas Gondar Kibba dabalatee naannoo Amaaraa hedduun bilisa ba’uu MM Abiy Ahimad ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.