Fana: At a Speed of Life!

Warshaalee oomishni isaanii sadarkaadhaa gadi ta’e 9 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Warshaalee sadarkaa ugaalaalee oomishtummaa murteessoo ta’an hin guunne 9 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Daldalaa fi Indastirii beeksise.
 
Ministeerichi baatiiwwan 6 darbanitti warshaalee 210 irratti to’annoo fi hordoffii taasisuuf karoorfatee, kan dhaabbilee 185 raawwachuu isaa beeksiseera.
 
Warshaalee 47 irraa samuudaa fudhachuun qorannoon fiizikaalaa fi laabraatoorii kan taaiifame yoo ta’u, bu’aa laabraatooriin oomishni warshaalee 9 sadarkaa gadi ta’uu isaaniin tarkaanfiin of eeggannoo hanga saamsuu fudhatameera.
 
Warshaaleen tarkaanfiin irratti fudhatame warshaalee saamunaa, siimiintoo fi waynii yoo ta’an, bu’aan samuudaa warshaalee 14 ammoo eeggamaa jira jedhame.
 
Warshaalee to’annoo fi hordoffiin taasifame 185 keessa 162 ulaagaalee kan guutan akka ta’e ragaan Ministeerri Daldalaa fi Indastiriirraa argame ni muul’isa.
 
Dabalataan dhaabbilee daldalaa kuma 90 ol irratti tarkaanfiin fudhatameera.
 
Tarkaanfin fudhatames Oromiyaatti 14,961, Beenishaanguul Guumzitti 150, Finfinneetti 17,182, Amaaraatti 53, 126, Kibbatti 6,320 ta’uu beeksiseera.
 
Tarkaanfichi qaala’iinsa gatii uumuuf daballii hin malle kan taasisanirratti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.