Fana: At a Speed of Life!

Warshaan guyyaatti haguuggii funyaanii fi afaanii miiliyoona 1.2 oomishu hojii eegale

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Warshaan guyyaatti haguuggii funyaanii fi afaanii miiliyoona 1.2 oomishu hojii eegale.

Warshaan Guyyaa Meedikaal Maask sa’aa 24 keessatti maaskii miiliyoona 1.2 oomishuu danda’a jedhameera.

Warshichi namoota 450 carraa hojii uumera.

Warshaan kun kaleessa yammuu ebbifamu sirnicharratti kan argaman ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan oomishti warshichaa baay’ee murteessaa ta’uu beeksisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.