Fana: At a Speed of Life!

Warshaan qindeessa ashaboo ‘Soodaa Kiing’ tajaajila laachuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Indaastirii Dirree Dawaatti warshaan qindeessa ashaboo ‘Soodaa Kiing’ tajaajila laachuu eegale.
 
Warshichi Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 kan ijaarramedha.
 
Hoji raawwachiisaa fi qooddataan dhaabbatichaa obbo Muheddiin Fukraddiin Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, dhaabbatichi hanqina ayoodiinitiin rakkoo fayyaa mudatu furuuf ni hojjeta jedhaniiru.
 
Guyyaatti ashaboo kuntaala kuma 50 qindeessuu danda’a.
 
Yeroodhaf namoota 120f carraa hojii uumera.
 
Dabalataan warshichi hojii babal’isuu Birrii miiliyoona dhibba 1 hojjechaa jira.
 
Dhaabbatichi guutummaadhan hojii wayita eegalutti carraa hojii bal’aa uuman eegama.
 
Dabalataan dhaabbatichi dhaabbilee obbolaa oomisha lallaafaaf oolanii fi meeshaalee elektiriikii ijaaree xumuraa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.