Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Sukkaaraa Mataaraa boruu jalqabee Sukkaara Oomishuu ni eegala

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC) – Warshaan Sukkaaraa Mataaraa boruu jalqabee Sukkaara Oomishuu kan eegalu ta’uu Giruuppiin Indaastirii Sukkaara Ityoophiyaa beeksiise.

Warshaaleen Sukkaaraa Wanjii, Fincaa’aa, Kurraaz 2 fi Kurraaz 3 dhuma Baatii Sadaasaa eegalanii hanga ammaatti Sukkaara kuntaalee kuma dhibba 5 fi kuma 6 ol oomishii isaanii Giruuppii Indaastirii Sukkaaraa Ityoophiyaatti Itti gaafatamaan Kutaa hirmaannaa fi hariiroo Ummataa Obbo Rattaa Dammaqaan Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Oomishaaleen kunneenis hawaasaaf raabsamaa jiraachuu eeraniiru.

Warshaan Sukkaaraa Mataraa boruu jalqabee oomisha kan eegalu ta’uu fi Warshaaleen sukkaaraa Arjoo Dhadheessaa, Xaanaa Balasii fi Kasam yeroo itti aanu Sukkaara oomishuu kan eegalan ta’uu Obbo Rattaan kaasaniiru.

Yohaannis Darriboowtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.