Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Zayitaa ‘W.A’ har’a ni eebbifama

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) –Magaalaa Dabra Maarqoositti Warshaan Zayitii ‘W.A’ baasii Birrii biiliyoons 5.2 ijaarrame har’a ni eebbifama.
Naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Maarqoositti warshaan Zayita Nyaataa baasii Birrii biiliyoona 5.2n ijaarame har’a bakka hoggantoonni mootummaa olaanoo Federaalaa fi naannolee argamanitti har’a ni eebbifama.
Warshaan Zayitaa ‘W.A’ jedhamu kun Zayita liitira miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 kuma 50 ol guyyaatti oomishuu danda’a jedhame.
Warshichi % 40 Saliixarraa Zayita kan oomishu ta’uus himameera.
Hanga ammaatti lammiilee kuma 1 fi 500 oliif carraa hojii uumuu ibsameera.
Wayita humna guutuun hojii eegalee lammiilee kuma 3 fi 600 carraa hojii ni uuma jedhameera.
Misikkir Sinaaffiqitu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.