Fana: At a Speed of Life!

Waxabajjii keessa gatiin boba’aa gatuma duraatin kan itti fufu ta’a

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Waxabajjii keessa gatiin boba’aa gatuma duraatin kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Gatii boba’aa gosa hundaa gatii dura ittiin gabaadhaf dhiyaatun, gabaadhaf dhiyeessuuf murtaa’era.
 
Kunis kan taasifame diinagdee fi hawaasummaa ummata biyyattii tasgabbiin itti fufsiisufi jedheera ministeerichi.
 
Haaluma kanaan Caamsaa 27 amma Waxabajjii 30,2012tti gatiin boba’aa qinxaabodhaan gatuma duraatin kan itti fufu ta’a.
 
Gatii gabaa addunyaa ilaalcha keessa galchuudhan yeroo barbaachisaa ta’etti sirreeffamni taasifamuu akka malus eerera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.