Fana: At a Speed of Life!

Wayita ayyaana Mawulidaa kabajnu nageenya keenya eeggachuu qabna-MMWDhII

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Ayyaana Mawulidaa 1497ffaa wayita kabajnu nageenya keenya eeggachuu fi harka qalleeyyii gargaaruun kabajamuu akka qabu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibse.

Manni marichaa ayyaanicha ilaalchisuun ibsa kenneera.

Pireezidaantiin Mana Marichaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaa ibsa kennaniin, guyyichi guyya kabajamaa waan ta’eef, wayita ayyaanicha kabajnu nageenya eeggachuu qabna jedhan.

Akkasumaas kanneen rakkataanii fi harka qalleeyyii tumsuu fi walgargaaruun kabajamuu akka qabu dhaamuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Mawulidaa 1497ffaa guyyaa borii sadarkaa biyyaalessaatti kabajama.

Hirphoo Shibootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.