Fana: At a Speed of Life!

Wayita ayyaannoonni Amantaalee fi ummataa kabajamu maloota ittisa weerara Covid -19 hojiitti hiikuun dirqama – Inistiityuutii Fayyaa Hawaasa

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Wayita ayyaannoonni Amantaalee fi ummataa addabaabayiitti kabajamu maloota ittisa weerara Covid -19 hojiitti hiikuun barbaachisaa qofa osoo hin taane dirqama ta’uu Inistiityuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa beeksiise.
 
Weerarri vaayrasichaa Ityoophiyaatti saffisa olaanaan dabalaa jiraachuu Inistiityuutichi ibseera.
 
Haala waqtaawaa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee Itti aanaan Daayreektera Olaanaa fi qindeessaan deebii laachuu Covid -19 Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa obbo Aschaalew Abbayinahi ibsa laataniiru.
 
Gosti vaayrasii koroonaa Deeltaa Ityoophiyaatti argamuu erga mirkanaa’ee lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamani daraan dabalaa dhufuu eeraniiru.
 
Torbee darbee qofa lakkoofsa namoota wallaansa yaala cimaa keessa galanii fi lubbuun darbanii dachaan dabaluu himaniiru.
 
Dhiibbaa olaanaa weerarichi qaqqabsiisaa jiru to’achuuf hawaasni osoo hin dagatin of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Lammiileen umriin isaanii waggaa 18 ol ta’an hundi dhaabbilee fayyaa dhiheenya isaanitti argamu deemuun talaallii fudhachuu akka qaban daayreekterichi hubachiisaniiru.
 
Torbee itti aanu ayyaannoonni amantaalee fi ummataa addabaabayitti kabajamn hedduu ta’uu isaan hawaasni of eeggannoo barbaachisu taasiisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.