Fana: At a Speed of Life!

Weellisaan Yoonaataan Daammanee xumura dorgommii dorgaa dorgee Faanaa Laamiroot boqonnaa 6ffaa injifate

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Dorggoommi dorgaa dorgee Faanaa Laamiroot boqonnaa 6ffaa har’a gaggeeffameen injifattootaaf badhaasni Birrii kumni 500 laatameera.

Dorgommiicharratti weellistoonni kumni 2 ol hirmaataniin calaalli dorgoommi taasisuun, calaallicha kan darban weellistoonni 12 torbe torbeen televizhiiniidhaan tamsaasa kallattiitin baandii muuziqaa guutuu waliin ta’uun sirboota abbootiin murtii fi ofii isaanii filaataan dhiyeessuun dorgamaniiru.

Dorgommichaan torbeen weellisaan qabxii gadi aanaa fide  gaggeeffamuun dorgoomtoonni 4 xumuraaf qaqqabaniiru.

Weellisaan Yoonaataan Daammanee 1ffaa ba’uun badhaafaamaa Birrii kuma 200 ta’eera.

Weellisaan Mulgeetaa Lammaa 2ffaa ba’uun baadhafaamaa Birrii kuma 150 ta’eera.

Weellisaan Tamasgeen Baqqalee 3ffaa ba’uun baadhafamaa Birrii kuma 100 ta’eera.

Weellisaan Zalaalam Isheetuus 4ffaa ba’uun baadhafamaa Birrii kuma 50 ta’eera.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaasiting Koorporeet obbo Adimaasuu Daamxaaw dorgommicharratti haasaa taasisaniin, boqannaawwaniin dogoggooraa sirreessaa artiin akka guddatuu, kabajaa akka argatuu fi dhalootaa qaruuf Faanaa Broodkaasiting Koorporeet hojjeechaa jiraachuu himaniiru.

Dorgoommiin kun akka milkaa’uuf ogeessoota muuziqaa, abbootii murtii, hojjeettootta koorporeetichaa fi dhaabbilee tumsitootaa ga’eesaanii ba’ataniin galatoomaa jedhaniiru.

Weellistoonni arfan baatiwwan booda dorgoommii Birrii miiliyoona 1 fi waancaa argamsiisuuf kallattin darbaniiru

Dorgoommiin boqonnaa 7ffaa torbee lama booda kan eegaluu yoo ta’u, weellistoonni dorgomicharratti hirmaachuu dandeettii fi muuxannoo qabdan Eebila 14 hanga 16, 2013 wajjiiraa olaanaa Faanaa Broodkaasiting Koorporeetitti qaamaan argamuun ykn guyyoota eerramaan keessaatti 8333 irratti dawwaluun galmaa’uu akka dandeessaan waamichi darbeera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.