Fana: At a Speed of Life!

Weellistoonni fi Artistoonni bebbeekkamoon giddugala leenjii loltummaa Kontinjeentii Huursootti hojii aartii dhiyeessan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC)- Weellistoonni fi Artistoonni bebbeekkamoon giddugala leenjii loltummaa Kontinjeentii Huursootti argamuun hojii aartii dhiyeessaniiru.

Artistoonni fi weellistoonni kunneen kaka’umsa mataasaaniin  mata duree ‘’Dursi Biyya Haadhaf’’ jedhuun gidduugala leenjichaatti argamuun loltoota marsaa 4ffaaf  leenji’aa jiraniif hojii aartii dhiyeessuu ibsameera.

Gatiin ogeeyyiin aartii fi loltoonni biyyaaf kaffalan wal fakkaata ta’uu ergama nageenya kabachisuutti ajajaan olaanaa Leenjii Kontiinjeentii Huursoo Koloneel Addisuu Tarfaasaa ibsaniiru.

Walitti dhufeenyi ogeeyyii aartii fi loltootaa ogummaa ta’uu fi lamaan isaaniyyuu tokkummaa biyyaaf ga’ee olaanaa kan ba’atan ta’uu eeraniiru.

Lammii Ityoophiyaa ta’uu niyyuu gootummaa fi kan nama boonsu ta’uu kaasaniiru.

Loltuun Ityoophiyaa akka garee shororkeessaa ABUT ashiishiin kan waraanu, deeggarsa nyaataa kan saamuu , namaa fi beellada osoo adda hin baasiin kan ajjeesu,  dhaabbilee kan diigu osoo hin taane, waliin nyaachuu, gaarummaa fi kaayyoo amananitti aarsaa ta’uun kabaja biyyaa kan dursu ta’uu eeraniiru.

Maddi:- DhPI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.