Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan karaa nagaan furamuu qaba – Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroo

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa Sudaanii fi komishiniin daangaa biyyaalessaa guyyaa har’aa bakka bu’oota dippiloomaatootaa, Misiyoonootaa, Qoonsilaawwanii fi dhaabbilee idil addunyaa teessoo isaanii Sudaan godhataniif ibsa taasiisaniiru.

Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon dhimmi daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan waliigaltee daangaa biyyoota lamaanii fi mariin karaa nagaan furamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Rakkoo daangaa amma uumame furuuf waliigalteen ministiroota biyyoota lamaanii bara Faranjootaa 1972 faayidaa qabaachuu ibsaniiru.

Weerarri daangaa Sudaan yeroo ammaa taasiisa jirtu waliigaltee bara 1972 kan cabse ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan waayita Sudaan rakkoo keessa turte ummata Sudaan cinaa ta’uu himuun, yeroo Ityoophiyaan dhimmoota biyya keessaan hudhamtee jirtuutti haleellaan waraanni Sudaan irratti raawwate kan isheef maluu miti jedhan Ambaasaaddar Yibalxaal.

Garaagartee daangaa Ityoo – Sudaan haala waliigaltee daangaa biyyoota lamaan karaa nagaan furuuf Ityoophiyaan qophii ta’uu ishee mirkaneessaniiru.

Ambaasaaddar Yibalxaan yaada rakkoo daangaa biyyoota lamaan gidduutti uumameef furmata ta’uu danda’an qaamolee kanneeniif ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.