Fana: At a Speed of Life!

Weerara dhibee gifiraa godinaalee Oromiyaa 12tti mudate ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Weerara dhibee gifiraa godinaalee Oromiyaa 12tti mudate ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
 
Dhibeewwan daa’imman miidhanii fi du’aaf saaxilan keessaa tokko gifira yookin shifteedha.
 
Biirichatti daayreektarri hoggansa balaa tasaa fayyaa hawaasaa, qo’annoo fi qorannoo fayyaa obbo Gammachuu Shuumii akka beeksisanitti,dhibeen gifira kun Oromiyaa godinaalee 12 fi aanaalee 58 keessatti muul’ateera.
 
Ji’oottan torba gidduuttis namoonni 6000 ol ta’an dhibichaan qabamuusaanii ibsaniiru.
 
Yeroo ammaa kanattis dhibeen kun aanaalee 14 keessatti bifa weeraraan muul’achuusaatin talaalliin kennamaa akka jiru himaniiru.
 
Hawaasnis mallattoolee dhibichaa kanneen akka ho’ina qaamaa olaanaa, fuulaa fi qaamarratti mallattoon bahuu, dhangala’aan fuunyaanirra yaa’uu, ijji diimachuu, qufaasisuu fi kanneen kana fakkaatan wayita arganitti daa’imman hatattamaan gara buufata fayyaa geessuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Daa’imman dhibee kanaan qabaman hataattamaan wal’aansa hin argatan yoo ta’e, ijji baduu, gurri duuduu, sombaa fi kalee miidhamuun hanga du’aatti geessuu akka danda’u Gaazexaa Bariisaa gabaasera.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.