Fana: At a Speed of Life!

Weerara hoomaa awwaannisaa godinaalee Oromiyaa to’achuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Weerara hoomaa awwaannisaa godina Baalee, Gujii Lixaa, Booranaa fi Gujiitti mudate to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.
 
Weerarri hoomaa awwaannisaa Godina Baalee, Gujii Lixaa, Booranaa fi Gujiitti mudachuu biirichi beeksiseera.
 
Hoomaan awwaannisaa kun miidhaa guddaa osoo hin geessisin too’achuuf qindoominaan hojjatamaa akka jiru Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti daayreektarri eeggumsa biqiltuu obbo Dajanee Hirphaa ibsaniiru.
 
Weerara kana too’achuuf mala aadaa fi ammayyaa fayyadamuun hojjetamaa jiras jedhaniiru.
 
Weerarri kun miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin too’achuuf hojiin hawaasa bal’aa hirmaachise hojjetamaa jira jedhameera.
 
Hammii hoomaa kun yeroo gara yerootti babal’achaa waan jiruuf qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himameera.
 
Weerara hoomaa awwaannisaa kana bifa qindoomina qabuun too’achuuf mootummaa federaalaa fi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojjetamaa jiraachuun eerameera.
 
Hoomaa awwaannisaa kana mala aadaatiin too’achuuf ogeeyyii godinaalee hoomaan kun keessatti mul’ate keessa jiraniif leenjiin hubannoo cimsuu gochaan deeggarame kennamaa jira jedhan obbo Dajaneen.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.