Fana: At a Speed of Life!

Weerara koroonaa ittisuuf falli waaraan hin jiraatu ta’a -Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf falli waaraan hin jiraatu ta’a jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.
 
Daayreektarri olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom ibsa laataniin akka beeksisanitti yeroo ammaatti vaayrasicha ittisuu fi to’achuuf falli waaraan hin argamne jedhan.
 
Gara fuula duraattis falli argamuu dhabuu mala jedhan.
 
Dooktar Teediroos kana kan jedhan dhaabbatichi weerarri vaayrasichaa yeroo dheeraaf turuu akka malu ega ibseen booda.
 
Yaata’uutii qorannaa fi yaaliin talaallii taasifamaa jiru vaayrasicha ittisuuf gargaaruu malaan ibsan.
 
Yuunvarsiitiin Ookisfoord yaaliin talaallii taasisaa jiru dandeettii dhibee ofirraa ittisuu ni dabala jechuusaa “BBC”n gabaasera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.