Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa booddee gabaan damee manuufakchariingiif akka carraa gaarii tokkootti ni lakka’ama

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Weerara vaayrasii koroonaa booddee gabaan damee manuufakchariingiif akka carraa gaarii tokkootti lakka’amuu akka danda’u Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Weerarri vaayrasii koroonaa biyya keenyatti uumamuun walqabatee dameewwn miidhaman keessa tokko dame manuufakchariingiidha.

Damee kana dandamachiisuuf wajjiiri ministeerichaa ulaagaa deeggarsaa garagaraa diriirsuun socho’aa jiraachuu Ministirri Deettaan Ministira Daldalaa fi Indaastirii obbo Takkaa Gabrayesuus himaniiru.

Fuula duratti haala kanaan dura hin baratamnee fi bu’aa irratti kan hundaa’e maloota hojiirra oolchuuf ta’uu ibsaniiru.

Malloonii kun abbootiin qabeenyaa damicharratti bobba’an hojii isaanii akka gaariitti akka raawwatan taasisuurra darbee abbootii qabeenyaa gidduutti waldorgommiin akka uumamu ni ta’a jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.