Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi miidhaasaa dandamachuuf biyyoota guddachaa jiraniif deeggarsi taasifamuu qaba- Dr Teediroos Adihaanoom

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi miidhaasaa dandamachuuf biyyoota guddachaa jiraniif deeggarsi akka taasifamu daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom waamicha dhiyeessan.
 
Weerarri vaayrasichaa ega jalqabee baatii 4 guutuusaa yaadachiisanii, ariitidhaan sodaa addunyaa ta’aa dhufuusaas ibsaniiru.
 
Yeroo kanattis biyyoonni guddachaa jiran lammiilee isaanii deeggaruuf waan rakkataniif, hawaasni addunyaa tumsa akka taasisu dhaamaniiru.
 
Biyyoonni guddinarra jiran rakkoon diinagdee fi miidhaa cimaan akka irra hin geenye tumsuuf hojjechaa jirras jedhaniiru.
 
Guyyootii dhiyootti namoonni miiliyoonni 1 vaayrasichaan qabamuu akka danda’anii fi kan lubbuun isaanii darbus kuma 50 akka qaqqabu eeraniiru.
 
Amma ammaatti vaayrasichaan biyyoota 205tti lubbuun namoota kuma 47 darbeera.
 
Amma ammaattis namoonni kumni dhibbi 9 fi kumni 38 ol vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Maddi; CGTN
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.