Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsi taasifamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 19,2012(FBC) –Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsi taasifamaa jira.

Paartiin Badhaadhinaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii miiliyoona dhibba 1 laate.

Preezdaantiin paartichaa Dooktar Abiy Ahimad deeggarsi dhiyeenya Galma Barkumeetti ifoomsan, Ministeera Fayyaa FDRIf galii ta’eera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinneetis weerara vaayrasichaa ittisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 ol guyyaa 1tti namoota dhuunfaa fi dhaabbileerraa walitti qabeera.

Deeggarsa taasifameef itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.