Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessadha- Dr Liyaa

 
Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisan.
 
Vaayrasiin koroonaa babal’achaa jiraachuu hubachuun hawaasni hojii of eeggannaa fi ittisaa akka cimsu dhaamaniiru.
 
Qorannaan biyyoolessaa fi hojiin ittisaa eegalamuu Dooktar Liyaa Taddasaan beeksisaniiru.
 
Sosochii kanaanis hawaasa miiliyoona 17 ta’uuf qorannaan ni taasifamaan eegama.
 
Kana adda baasuufis qorannaan laabraatoorii kumni dhibbi 2 ni hojjetama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.