Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiin eegalamee cimee itti fufuu qaba- Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf duula haguuggii fuulaa beeksisu Dhaabbata Fayyaa Addunyaan eegalametti makamte.
 
Duula haguuggii fuulaa kanarratti hirmaannaan hunda keenyaa cimee akka itti fufuu fi duula Dhaabbata Fayyaa Addunyaan eegalame Ityoophiyaanis mata duree ‘Maaks Ityoophiyaa’ jedhuun makamuu ishee Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
 
Duula kanaan jijjiirrama amalaa fiduun, hubannoon keenya cimee weeraricha haala fooyya’aa ta’een ittisuu akka dandeenyu amantaan qaba jedhan.
 
Hundi keenyaa haguuggii fuulaa baayy’inaan oomishuu fi seeraan kaawwachuun ofii keenyaa fi hawaasa keenya dhibichaarraa yaa ittisnu jechuun ergaa dhaamaniiru.
 
Namni kamiiyyuu dhibichaan akka hin qabamne, hin duunee fi guddinni biyya keenyaa akka hin gufanne ga’ee keenya ba’uu qabna jdhan.
 
Weeraricha ittisuuf hirmaannaan qaama hundaa cimee itti fufuu qaba jechuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.