Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf teeknooloojiin diijjiitaalaa hojiirra oole

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee tumsaa waliin appilikeeshinii diijjiitaalaa haaraa hojiirra oolche.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka beeksisetti teeknooloojichi hordoffii tamsa’inichaa cimsuun, tarkaanfii fudhachuuf gargaara.

Hojichaaf Dhaabbanni Deeggarsaa Ameerikaa, Faawundeeshiniin Biilii fi Miliindaa Geetis, dhaabbileen tola oolmaa biyya keessaa tumsa taasisaniiru.

Teeknooloojichi inistiitiyuutichaan kan hogganamu ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.