Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ummanni gorsa mootummaa fi ogeeyyii fayyaa hojiirra oolchuu qaba- boordicha

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ummanni gorsa mootummaa fi ogeeyyii fayyaarraa laatamu hojiirra akka oolchu boordii qorataan beeksise.
 
Boordii qorataan labsii yeroo ariifachiisaa ummanni gorsa laatamu hojiirra akka oolchuu fi akka of hin daganne dhaamera.
 
Boordichi baatiiwwan sadan darbanitti bakka addaddaatti argamuudhan raawwii labsii yeroo ariifachiisaa vaayrasicha ittisuuf ba’e gamaaggameera.
 
Qaawwa muul’aturratti eeruuwwan 389 boordicha qaqqabuu beeksiseera.
 
Kana keessaa %75 akka galteetti kan tajaajilu ta’uu walitti qabaan boordichaa obbo Pheexroos W/sanbat beeksisaniiru.
 
Daawwii naannoo Kibbaa fi Oromiyaatti taasifamerratti of dagannaan jiraachuu beeksisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.