Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaarraa of eeggachaa mallattoo ashaaraa magariisaa yaa keenyu- MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Guyyaan ashaaraa magariisaa guutuu biyyaatti eegalameera.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa ashaaraa magariisaa ilaalchisuun ergaa dabarsan.

Ergaa isaaniin waggoota 4 keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuun dhiibbaa jijjiirrama qabeenya qilleensaan ga’u hambisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara kanas biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfameera jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.

Biqiltuun bara darbe dhaabbatte %84 latuu isaa kan ibsan Dooktar Abiy karoora bara kanaas galmaan ga’uuf mootummaan federaalaa fi naannoolee waliin qindoominaan ni hojjetama jedhan.

Hawaasni addunyaa guyyaa eeggumsa naannoo bara kanaa yeroo kabaju sagantaa ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa deeggaruun akka kabajaman waamichaa dhiyeessaniiru.

Weerara vaayrasii koroonaarraa of eeggachaa mallattoo ashaaraa magariisaa yaa keenyu jechuun ergaa dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.