Fana: At a Speed of Life!

Weerarri awwaannisaa oomisharratti miidhaa hamaa akka hin qaqqabsiisne ummannis tumsuu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Weerarri awwaannisaa yaaddessaa ta’aa dhufuu isaatin oomisharratti miidhaa hamaa akka hin qaqqabsiisne ummanni qaama duula ittisaa akka ta’u waamichi dhiyaate.
 
Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, Ministeera Qonnaatti garee teeknikaa ittisa weerara awwaannisaa mariisisaniiru.
 
Weerarichi ariitii fi bal’ina kan qabu ta’uunis ibsameera.
 
Weeraricha ittisuun biifaa keemikaalaa xiyyaarotaatin deeggaramuu waan qabuuf, biyyoota ollaarraa xiyyaarota tajaajilichaaf oolan argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsaniiru.
 
Obbo Dammaqaan weerarichaan oomisharratti miidhaa hamaan akka hin qaqqabne hojiin hojjetamu cimuu akka qabu dhaaman.
 
Mootummaan hojii ittisaa kan cimsu ta’uu kan beeksisan itti aanaa muummee ministiraa, ummannis akka tumsu gaafataniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.