Fana: At a Speed of Life!

Weerarri dhibee busaa dabalaa waan jiruuf hawaasni of eeggannoo akka taasisu Ministeerri Fayyaa hubachiise

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Weerarri dhibee busaa dabalaa waan jiruuf hawaasni of eeggannoo barbaachisaa akka taasisu Ministeerri Fayyaa hubachiiseera.

Ministeerichi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa waliin ta’uun weerara dhibee busaa, Vaayrasii Koroonaa fi maariyyee jaldeessaarratti ibsa laateera.

Weerara dhibee busaa ittisuurratti hawaasa bira dagannaan jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan eeraniiru.

Baatiiwwan arfan darbanitti naannolee Oromiyaa, Uummattoota Kibbaa, Amaaraa fi Kibba-Lixa Ityoophiyaatti weerarri isaa dabaluu ibsaniiru.

Agoobara haalaan fayyadamuu dhabuun, dagannaan hoggansaa fi hawaasaa, rakkoon nageenyaa bakkeewwan tokko tokkotti ture babal’ina dhibichaaf sababa ta’uu kaasaniiru.

Hongee hordofee roobni cimaan robe weerara dhibichaaf sababa biraa ta’uu ibsuu isanii TOI gabaaseera.

Weerara dhibichaa qolachuuf ministeerichi qaamolee dhimmamtootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsuun, hawaasni of eeggannoo barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraan maariyyeen jaldeessaa Ityoophiyaatti mul’achuuf ragaan mul’isu kan hin jirre ta’uu fi of eeggannoon duraa taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.