Fana: At a Speed of Life!

Weerarri dhibee Covid -19 magaalaa Finfinneetti daraan hammaachuu himame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 1343 ga’eera.
 
Magaalichaatti qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbetti gaggeeffameen vaayrasichi namoota 138 irratti argamuu Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Namoonni 2 seenaa imala alaa qabu.
 
Namoonni 7 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.
 
Namoonni 129 tuttuqaas ta’ee seenaa imala hin qaban.
 
Namoonni 20 Addis Katamaa.
 
Namoonni 8 Liddataa.
 
Namoonni 19 Gulaallee.
 
Namoonni 23 Boolee.
 
Namoonni 12 Kolfee Qaraaniyoo.
 
Namoonni 24 Eekkaa.
 
Namoonni 6 Qiirqoos.
 
Namoonni 4 Araadaa.
 
Namoonni 8 Nifaas Silk Laaftoo.
 
Namoonni 9 Aqaaqii Qaallittii yoo ta’an, teessoon namoota 5 qoratamaa jiraachii Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Kutaa bulchiinsa magaalaa Addis Katamaatti qofa lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 375 ga’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.