Fana: At a Speed of Life!

Weerarri hoomaa awwaannisaa godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti bifa haaradhaan muul’achaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Weerarri hoomaa awwaannisaa godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti bifa haaradhaan torbee kana keessa muul’achuun ibsame.

Weerarri hoomaa awwaannisaa godinalee Shawaa Kaabaa, Jimmaa fi godina Iluu Abbaa Booraatti bifa haaradhaan mul’achuun isaa ibsameera.

Hoomaan kun godina Shawaa Kaabaa aanaa Dabra Liibaanoos, aanaa Hidhabuu Abootee fi aanaa Dagamitti mul’ateera.

Akka Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Aanaa Darba Liibaanoos beeksisetti, weerarri kun oomisha jallisiirratti miidhaa akka hin qaqqabsiifnef qonnaan bultoonni aanichaa maloota garagaraan ittisaa jiru jedhameera.

Hoomaan kun gandoota aanichaa misooma jallisiin bal’inaan beekaman sadi keessatti mul’ateera jedhame.

Oduma walfakkaatun hoomaan awwaannisaa godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algeettis mul’ateera.

Akka Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa aanaa Algee beeksisetti weerarri hoomaa awwaannisa gandoota aanichaa lama keessatti bifa haaradhaan muul’ateera.

Akkasumas, godina Jimmaa aanaa Oomoo Naaddaattis weerarri kun bifa haaradhaan muuldhateera.

Hoomaan awwaannisaa gammoojjii kun godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti mul’achuun isaa kan yaadatamudha.

Weerara hoomaa awwaannisaa gammoojjii kana ittisuuf mootummaan Ityoophiyaa fi dhaabbileen idil addunyaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Qonnaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.