Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa diinagdeerratti dhiibbaa uumuu malu hir’isuuf murteewwan imaammataa dabarfamaniiru

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa diinagdeerratti dhiibbaa uumuu malu hir’isuuf murteewwan imaammataa dabarfamaniiru.
 
Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny akka ibsanitti weerarichaan dhiibbaa diinagdeerratti uumamuu malu hir’isuuf murteewwan imaammataa dabarfamuu ibsaniiru.
 
Murteewwan dabarfaman idaa gibira kuufamaa waliin kan walqabatanii fi jireenya lammiileerratti kan xiyyeeffatanidha.
 
Dhiibbaa uumamuu malu qolachuufis ummataa fi mootummaan tumsaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
 
Dhaabbilee daldala alaa fi damee tajaajilaarratti bobba’aniif baankonni liqaa dabalataa akka dhiyeessanii fi yeroon kaffaltiis akka siqu taasifameera.
 
Manni Maree Ministirootaa dhiibbaa kana dandamachuuf murteewwan abbaa qabxii 15 dabarsuun ni yaadatama.
 
Kanaanis mootummaan federaalaa dhaabbilee biiznasii idaa gibiraa kuufamaa bara 1997 amma 2007 qabaniif idicha ni haqa.
 
Gibira kaffalanii argannoo oodiitii kan qaban, murtoon argannoo oodiitii ega dabarfamee eegalee baatii tokko keessatti gibira firiin kaffalan fayyadamuun yeroo kaa’ame keessatti kaffalanii akka xumuran murtoon darbeera jedhan.
 
Isaanis %25 duursa, kan hafemmoo yeroo kennameef keessatti kaffalanii akka xumuran, adabbiin gibiraa fi dhallisaa ni kaafamaaf.
 
Si’a tokkoon gibira firiin kaffaluu kan danda’aniif kaffaltiin amma %10 ni taasifamaaf.
 
Murticha raawwachiisudhaafis Ministeerri Galiiwwanii fi Ministeerri Maallaqaa qajeelfama qopheessaa jiru.
 
Argannoo oodiitii fi idaa kuufamaadhan himannaarra kan jiran, gibira isaanii firiin kaffalanii himata keessaa ba’uu ni danda’u.
 
Kun garuu fedhii kaffaltoota gibiraarratti kan hundaa’edha.
 
Weerara vaayrasii koroonaatin dhaabbilee fi namoota kireeffattootaf ilaalcha kaffaltii kiraa godhaniif gibira galii kiraa haqeera.
 
Sababii weerarichaatin dhaabbileen hojjettootaf mindaa kaffaluu dadhabanis, gibira mindaa baatii 4 hambisuudhan hojjettoota isaanitiif mindaa kaffaluu danda’u jedhan.
 
Murteen imaammataa kun dhaabbilee barnoota dhuunfaa, dhaabbilee fayyaa fi dhaabbilee biiznasii addaddaa kan hammatudha.
 
Murtichi diinagdee utubuu fi dhaabbileen hojjettoota isaanii osoo hin bittinsin hojii isaanii akka itti fufan gargaara.
 
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.