Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuuleen alergii jimaa qonnaan bultootaan durfaman sadii ijaaramuufi jedhame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – Wiirtuuleen alergii jimaa qonnaan bultootaan durfaman sadii ijaaramuufi jedhame.

Qonnaan bulaan jimaa oomishasaa kallattiin gabaa giddugaleessaa biyya keessaafi alaatti dhiyeessuu dhabuusaatiin dadhabbiifi galiinsaa walmadaalaa hinjiru.

Oomisha kanarraa kallattiidhaan kan fayyadamaniifi ittiin durooman daldaltoota seeraan alaafi dhaadhessitoota/ faddaaltota gidduu deemaniidha.

Rakkoo yeroo gara yerootti komii kaasaa ture kana furuudhaan qonnaan bultoonni oomisha jimaa kallattiidhaan giddugaleessa gabaa kan biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuudhaan galii fooyya’aa akka argartan taasisuuf hojjachaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ibseera.

Hoogganaan biirochaa obbo Dhaabaa Dabalee akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti, Godinaaleen Harargee Bahaafi Lixaa oomisha Jimaatiin daran beekamoo ta’anis, galii barbaachisu irraa argachaa hin jiran jedhan.

Oomishicharraa galii guddaa argachaa kan jiran daldaltoota seeraan alaafi dhaadhessitoota/faddaaltota gidduu deemaniidha. Seermaleessummaan akkasii kun imaammata bulchiinsa gabaafi fayyadamummaa qonnaan bulaa faallessaa waan jiruuf sochii amma jalqabame kanaan jijjiiramni kan dhufu ta’uu himu.

Qonnaan bulaan omisha Jimaa kallattiidhaan gabaa giddu galeessaa kan biyya keessaafi alaatti dhiyeeffachuu akka danda’uuf hojjatamaa jira kan jedhan obbo Dhaabaan, yeroo ammaa wiirtuuleen alergiin Jimaa sadii ijaarsisuuf baajanni olaanaan ramadamee caalbaasiin ba’ee ijaarsisaa eegaluuf qophiileen barbaachisan xumuramaa jiru.

Wiirtuuleen kunneen magaalota Awwadaay, Baddeessaa fi Finfinneetti kan ijaaraman ta’uu eeraniiru.

Ijaarsi gamoo wiirtuulee alergii Jimaa sadan akkuma xumuramaniin qonnaan bultoonni alergii jimaa kan eegalan ta’uu himanii, kunis qonnaan bulaan oomisha jimaa irraa galiifi faayidaa fooyya’aa akka argatu kan taasisuufi alseerummaa gabaa jimaa irratti mul’atu kan maqsu ta’uu himaniiru.

Sochiin fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru baajata ga’aan deggaramee saffisaa jiraachuu eeranii, wiirtuuleen giddugala gabaa sadarkaa naannootti babal’achaa waan jiraniif keessumaa qonnaan bultoonni naannawa Finfinnee oomishasaanii gatii madaalawaan akka gurgurataniif haala mijataa umameera.

Bu’aaleen omisha qonnaa wiirtuulee kutaalee bulchiinsa magaalattii hunda keessatti ijaaramanitti waan dhiyaataniif saamicha gatii kanaan dura ture kan hanbisu ta’uu himaniiru.

Dargaggoonni hojii dhabeeyyiin waldaadhaan gurmaa’anii jiranis oomishaalee qonnaa gatii madaalawaadhaan qonnaan bultootarraa bitanii gabaaf dhiyeessaa akka jiran kan eeran obbo Dhaabaan, sochiin qonnaan bulaa ga’oomsuu kun warraaqsa dinagdee biyyattiin kan si’eessu waan ta’eef jajjabeeffamuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.