Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuun Leenjii Ispoortii Atleet Xiruunash Dibaabaa deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Wiirtuun Leenjii Ispoortii Atleet Xiruunash Dibaabaa deeggarsa taasise.
 
Wiirtichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa meeshaalee qulqullinaa fi nyaataa Birrii 279,848 laatera.
 
Wiirtuun leenjichaa deeggarsicha magaalaa Asallaatif laatera.
 
Deeggarsi laatame sababii weerara vaayrasichaatin namoota harka qalleeyyii ta’aniif qaqqabuuf oola jedhameera.
 
Daayreektarri olaanaa wiirtichaa Dooktar Amansiisaa Kabbadaan akka beeksisanitti deeggarsi taasifamu magaalicha waliin mari’achuudhan kan itti fufu ta’a.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.