Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuun Qindeessa balaa tasaa Fayyaa hawaasaa damee Kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaatti baname

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Wiirtuun Qindeessa balaa tasaa Fayyaa hawaasaa damee Kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaatti banameera.
Wiirtichii waajjira eeggumsa fayyaa godina Jimmaa keessatti kan banamee yoo ta’u, hawaasa godina Jimmaa, Buunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Booraatiif tajaajila kenna jedhame.
Sirna banniinsa wiirtuu kanaa irratti kan argaman itti aanaan hogganaa Biiroo Eeggusa Fayyaa Oromiyaa obbo Abarraa Botoree, dhibeewwan bifa weeraraan ka’an to’achuu keessatti wiirtuun kun faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Kana malees, wirtuun hoggansa balaa tasaa duraan sadarkaa naannoo qofa irratti akka ture eeruudhaan, amma kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti banamuun isaa hawaasa naannichaa qaqqabamaa taasisuuf gargaara jedhaniiru.
Bara kana namoota miiliyoona 3 fi kuma 600 oliif barumsii fayyaa kennamuu kan eeran obbo Abarraan, dhibee buusaa bifa weeraraan ka’aa jiru ittisuuf wiirtuu hoggansa balaa tasaa hundeessuun dabalatatti barumsa fayya kennuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Wirtuun kun yeroo itti aanu godina Baalee fi Wallaggaatti kan banamu ta’uu ibsameera.
Muktaar Xhaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.