Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuun Yaala Sammuu Birrii miiliyoona 4.2 ijaarame ebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Wiirtuun Yaala Sammuu Birrii miiliyoona 4.2 ijaarame ebbifame.
 
Moora Hoospitaala Speeshaalaayizdii Sammuu Qidduus Amaanu’eel keessatti Birrii miiliyoona 4.2 kan ijaarame Wiirtuun Yaala Sammuu wallaansa tasaa fi tajaajila daa’immanii fi haadholii laatu ebbifameera.
 
Hoospitaalli Speeshaalaayizdii Sammuu Qidduus Amaanu’eel erga hundaa’ee waggaa 80 lakkoofsiseera.
 
Hoospitaalichi kanaan dura haadholii fi daa’immaniif tajaajila laataa kan ture yoo ta’u, haalli kennna tajaajilichaa kuta tokko qofa keessatti waan ta’eef dhiibbaa qaba ture jedhameera.
 
Hoospitaalichi guyyaatti dhukkubsattoota sammuu 580, waggaadhan ammoo kuma dhibba 1 fi kuma 20 fi 120f tajaajila laachaa akka jiru hoji gaggeessaan hoospitaalichaa obbo Ida’oo Faajjii himaniiru.
 
Baasii ijaarsa guutuu giddugalichaa kan uwwise Faawundeeshinii Heeniikan Afrikaa ta’uun ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.