Fana: At a Speed of Life!

Wixinee Labsii Misooma, Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa ragga’e

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Wixinee Labsii Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Dhiyaate raggaase.

Wixinichi sadarkaa garaa garaatti ilaalamuun qooda fudhattoota waliin irratti mari’atamaa kan ture ta’uu ibsameera.

Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Jamaal Kadiir, sirna misooma manaa filannoo bal’aa qabu, dhaqqabamaa fi haala qabatamaa magaalota naannoo Oromiyaa waliin walsimu diriirsuun rakkoo mana jireenyaa jiraattota magaalotaa itti fufiinsaan furuudhaaf wixinee qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Sirna bulchiinsaa fi dabarsa manneenii iftoomina qabu, loogii maleessa, haqa qabeessa ta’eefi itti gaafatamummaa mirkaneessuu danda’u diriirsuun manneen mootummaadhaan yookiin qaamoolee adda addaatiin misooman gatii madaalawaan fayyadamtootaaf akka darbaniifi seeraan deeggaruuf yaadamee wixinee qophaa’e ta’uus ibsaniiru.

Ammaan booda seerri baa’uu qabu mirga qonnaan bulaa kan kabachiisuu fi qe’ee isaarraa hin buqqisne ta’uu waan qabuuf, Labsiin kun kana giddu galeessa godhachuun kan qophaa’edha jedhan Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa obbo Issaa Boruu.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoos wixineen ragga’e Labsii Lak. 231/2013 ta’ee hojiirra kan oolu ta’uu beeksisanii jiru.

Caffichi wixinee labsii eksaayiz taaksii mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf ba’es raggaasiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.