Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii hariiroo mootummootaa irra deebiin akka ilaallamu gaafatame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Wixineen labsii hariiroo mootummootaa irra deebiin akka ilaallamu koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaafate.
 
Koreen dhaabbichaa kaleessa wixinicharratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
 
Wixineen qophaa’aa jiru bifa taayitaa mootummoonni naannolee qaban hin dhiibnen, walitti dhiyeenyan karoora waloo baasanii akka hojjetan gargaara jedhameera.
 
Wixinichi mootummoonnii fi dhaabbileen walgitoon walitti dhufanii akka waliin hojjetan taasisa.
 
Wixinichaan magaalaan Finfinnee fi Dirree Dawaan akka naannootti eeramuun sirrii akka hin taanee fi akka sirratu ibseera.
 
Hariiroon naannolee yaadni jedhu, hariiroo naannoleen mootummaa federaalaa waliin qabaniin akka wal hin faallessine irra deebiin ilaaluun ni barbaachisas jedhameera.
 
Dirqisiistummaan wixinichaa, murtee waltajjii 3/4ffaan ragga’a kan jedhus ilaallamuu akka qabu kaa’ameera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.