Fana: At a Speed of Life!

Wuhaan foon bineensota bosonaa nyaachuu dhoorkite

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) –Chaayinaa bulchiinsi Wuhaan bakka argama vaayrasii koroonaa taate bineensota bosonaa adamsuu fi soorataaf horsiisuu guutumaa guututti dhoorkite.

Murtichi kan darbe vaayrasiin koroonaa sinbira halkanii fi  bineensota biroon gara namaattii darbuu akka hin oolle qorannoowwan muul’dhisan irratti hundaa’uni.

Guyyaa kaleessaa kan darbe murtichi bineensota lafarraa fi samiirra balali’an kan of keessatti hammatu yoo ta’u, namoota daldala bineensotaarratti bobba’anii turan deeggaruuf waadaan gargaarsaa galameeraf jedhame.

Chaayinaatti bineensota bosonaa tajaajila qoricha aadaa qopheessuuf oolan, nyaataaf hanga hin oolletti dhorkichatti hin ramadaman jedhameera.

Mootummaan Chaayinaa guyyaa kaleessaa hojirra kan oolche dhoorkicha waggoottan shanaan dhufaniif hojiirra ni oola jedhameera.

Akka ragaan Yuunvarsiitii Joons Hoopkiins muuldhisutti, guyyaa har’aa addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 5 darbeera.

Lubbuun namoota kuma dhibba 3 fi kuma 29 ol ammoo darbeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Madii:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.