Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaaniin baay’ina miseensota paarlaamaa ishee hir’isuufi

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC)  – Xaaliyaaniin baay’ina miseensota paarlaamaa ishee hir’isuufi.

Xaaliyaaniin baay’ina miseensota paarlaamaa ishee harka tokko sadii oliin hir’isuuf sagalee kennite.

Sagalee yaada ummataan kennammeenis miseensota xiqqeessuun deeggarsa %70 argateera jedhameera.

Haaluma kanaanis lakkoofsi miseensoota mana mare bakka bu’ootaa 634 irraa gara 400tti kan hir’atan yoo ta’u, lakkoofsi seenaatarootaas akkasuma ni hirrata jedhameera.

Yaada kana duuba kan jiran garee warra ‘Five Star Movement’ jedhamaniifi qaama walta’iinsa motummaa biyya bulchu yoo ta’an isaanis baasii hir’iisuu kaayyoo jedhuun qabatanii socha’u.

Qaamooleen kunneenis baay’inni waliigala miseensoota paarlaamaa fi seenaatarootaa 945 irraa gara 600tti akka hir’atuuf sochii taasisu.

Jijjiramni kunis paarlaamaa biyyattii irratti dhiyaateera.

Haa ta’u malee, yaadni kunis sababii heera mootummaa irratti jijjirama taasisuuf rifarandamiin deegaramu qabaatas jedhameera.

Jijjiramni kunis filannoo bara Faranjoota 2023tiin dura hojiirra oolfamu qabaata jedhamee eegama

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.