Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaaniin daangaa ishee banaa taasifte

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Xaaliyaaniin daangawwan ishee sababa weerara vaayrasii koroonaan cuftee turte baanuu beeksifte.
 
Namoonni biyyoota garaagarraa gara Xaaliyaanii seenuu barbaadaan tursa dirqii malee kallattiin galuu akka danda’an eeyyamuu ishee himameera.
 
Tarkaanfiin kun daawwattoonni gara Xaaliyaanii akka galaniif kan kaayyeffameedha jedhame.
 
Turiiziimiin biyyattiif madda galii olaanaa ta’uutu dubbatama.
 
Dabalataan balalliin biyya keessaa iddoo hundatti akka eegalamu mootummaan biyyattii eeyyameera.
 
Xaaliyaaniin biyyoota Awrooppaa keessaa biyya weerara vaayrasii koroonaan daraan miidhamteedha.
 
Hanga ammaattis lammiileen kumni 33 ol weerara kanaan du’aniiru.
 
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.