Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaanitti haati warraa fi abbaan warraa harka walqabatanii osoo jiranii lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Xaaliyaanitti haati warraa fi abbaan warraa waggoottan 71 gaa’elaan waliin jiraatan harka walqabatanii osoo jiranii lubbuun isaanii darbe.

Haati warraa fi abbaan warraa kun waggoota 71 gaa’elaan waliin turaaniiru.

Lameen dhibee vaayrasii koroonaatin qabamanii dhukkubsataa ega turaniin booda garaagarummaa guyyoota 5 keessatti lubbuun isaanii darbeera.

Abbaan warraa Roon Wuud umrii wagga 94 fi haati warraa Paatii Wuud umrii waggaa 91 turan.

Vaayrasii koroonaatin qabamuun hoospitaala Woortiing keessatti yaala argataa turaniiru.

Yaata’uutii dhuma irratti hoospitaalichis guyyoota afuriif kutaa tokko keessatti harka akka walqabatanii turan taasiseera.

Firoottan isaanii du’a isaaniif gaddanis jaalalli isaanii hanga du’aatti ta’uu muul’dhisa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.