Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaaronni Booying 777 balaliirraa dhorkaman

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC)- Ameerikaatti Daandiin Qilleensaa Yunaaytid xiyaarota Booying 777 lakkoofsaan 24 ta’an balali’uurraa dhorkuu beeksise.
Daandiin Qilleensichaa xiyyaarota kanneen balali’uurraa kan dhorkeef Sanbata darbe balaan motora xiyyaara tokkorratti erga qaqqabeen boodadha.
Xiyyaarri balaan mudate kun imaltoota 231 fi keessummeesitoota 10 qabattee kan ture yoo ta’u, buufata xiyyaaraa Denver qubachuuf dirqameera jedhame.
Caccabaan xiyyaaricharraa harca’aa tures naannoowwan manneen jireenyaarratti argamaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.