Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri Indooneezhiyaa imaltoota 50 feetee balallii eegaltee achi buuteen ishee dhabame

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Xiyyaarri Indooneezyiyaa imaltoota 50 ol feetee balallii eegaltee sa’aa muraasa booda achi buuteen ishee dhabamuu ibsame.
Booying 737 imaltoota 50 fe’uun magaalaa guddoo Indaanezhiyaa Jaakaartaarraa ka’uun balallii eegaltee sa’aa muraasa booda dhabamuu himameera.
Xiyyaarichi imala eegalee yeroo daqiiqaa 1 hin guunne keessatti ol ka’iinsa meetira kuma 3 irratti dhabamuu isaa abbaan Taayitaa Daandii Qilleensaa Siriiwiijayaan ifoomseera.
Hojiin lubbuu baraaruu fi barbaacha xiyyaarichaa hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa Indooneezhiyaa ibseera.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.