Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri Sudaan Kibbaa kufee caccabuun yoo xiqqaate lubbuu namoota 10 galaafate

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Xiyyaarri Sudaan Kibbaa bulchiinsa Jongiliitti kufee caccabuun yoo xiqqaate lubbuu namoota 10 galaafachuu ibsame.
Xiyyaarri xiqqaan namoota 10 qabachuun Sudaan Kibbaa, bulchiinsa Jongiliitti kufee caccabuun namoota keessa turan hunda galaafachuu qondaaltoonni biyyattii mirkaneessaniiru.
Xiyyaarichi Pirii irraa battaluma ka’ee gara magaalaa guddoo biyyattii Juubaatti imalu kufee caccabe jedhame.
Xiyyaarichi kan dhaabbata Aviyeeshinii biyyattii ‘Saawuz Suprim’ jedhamu yoo ta’u, balaa qaqqabe ilaalchise hanga ammaatti dhaabbatichi ibsi laate hin jiru jedhameera.
Sudaan Kibbaatti bara 2018-2020 gidduutti yoo xiqqaate xiyyaaronni 10 iddoo garaa garaatti kufuun lubbuu namoota 30 dabarsuu odeeffannoon’ Aviation Safety Network (ASN) baase ni agarsiisa.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.